Burqa zakariya

Burqa zakariya Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Burqa zakariya, mahakaa, Riyadh.

06/10/2018
Hararge Lixa HabrooGoonii seenaa hojatee seenan hiin dagatuu vivaa Qeerroo habroo yadanoo Qeerroo ganamatif gotaniif
06/09/2018

Hararge Lixa Habroo
Goonii seenaa hojatee seenan hiin dagatuu vivaa Qeerroo habroo yadanoo Qeerroo ganamatif gotaniif

02/09/2018

Hararagee

Baga gamane kan duwes dhugaa falamate biya isaf waregame rabbi rahamata ha godhuf   haayoota keenyaa baga nuf bata  qaba...
14/02/2018

Baga gamane kan duwes dhugaa falamate biya isaf waregame rabbi rahamata ha godhuf haayoota keenyaa baga nuf bata qabason itti fufa

Warroonni fb irra xibaartan Kootta waan Hayyoonni Duraan dalaga turan dubbisa taajjabbi keessan achumatti dhiisati👉Sheek...
08/05/2017

Warroonni fb irra xibaartan Kootta waan Hayyoonni Duraan dalaga turan dubbisa taajjabbi keessan achumatti dhiisati

👉Sheek Bakrii Saphaloo👈

Sheek Bakrii Saphaloo (maqaa dhalootaa: Abubakar Garad Usmaan; Sadaasa 1895 - 5 Ebla 1980) hayyuu Oromoo fi walaleessa (poet) fi barsiisaa amantiiti. Hunda caala kan inni ittiin beekamu qubee Afaan Oromoo ittiin barreeffamu uumuu isaatini.

Jireenya Isaa

Sheek Bakrii Saphaloo ilma Garad Usmaan Odaati; Garad Usmaan Odaa naannoo laga Saphalootii lafa qaba ture. Lafti isaanii kun yeroo Minilik Harar qabatu bulchiinsa sana keessa oole. Abubakar kan dhalate erga Harar Minilikiin booji'amte waggaa 8 booda yoo ta'u erga abbaansaa amantii Islaamaa fudhatee waggaa 16 booda ture. Abubakar obboleeyyan dhiiraa sadi'ii fi obboleeyyan durbaa afur qaba. Garad Usmaan musliima bayeessa fi dandeettii Afaan Oromoo kan qabu yoo ture barnoota garuu hin qabu; kanaaf dubbisuu fi barreessuu hin danda'u. R. J. Hayiwaardi fi Mahaammad Hasan akka tilmaamanitti, ati isaa Kadijjaan Musliima ta'uu akka hin hafne dubbatu. Erga barumsa sadarkaa tokkoffaa fixee booda, Abubakar gara Carcar deemee barsiisaa amantii Islaamaa Sheeh Umar Aliyyii Balballeetti jalatti barate. Itti aansee Harar deemun waggaa baayyeef Sheek Yusuf Adam jalatti barate. Barsiisota amantii Islaamaa kan biroo jalattillee kan barate yoo ta'u seenaa isaanii (biography) kan inni barreessee kanuma isaan kana qofaati.

Sheek Bakrii Saphaloo ilma Garad Usmaan Odaati; Garad Usmaan Odaa naannoo laga Saphalootii lafa qaba ture. Lafti isaanii kun yeroo Minilik Harar qabatu bulchiinsa sana keessa oole. Abubakar kan dhalate erga Harar Minilikiin booji'amte waggaa 8 booda yoo ta'u erga abbaansaa amantii Islaamaa fudhatee waggaa 16 booda ture. Abubakar obboleeyyan dhiiraa sadi'ii fi obboleeyyan durbaa afur qaba. Garad Usmaan musliima bayeessa fi dandeettii Afaan Oromoo kan qabu yoo ture barnoota garuu hin qabu; kanaaf dubbisuu fi barreessuu hin danda'u. R. J. Haywar fi Mahaammad Hasan akka tilmaamanitti, ati Sheek Bakrii Kadijjaan Musliima ta'uu akka hin hafne maqaa ishiirraa ka'uun tilmaamu. Erga barumsa sadarkaa tokkoffaa fixee booda, Abubakar gara Carcar deemee barsiisaa amantii Islaamaa Sheeh Umar Aliyyii Balballeetti jalatti barate. Itti aansee Harar deemun waggaa baayyeef Sheek Yusuf Adam jalatti barate. Barsiisota amantii Islaamaa kan biroo jalattillee kan barate yoo ta'u seenaa isaanii (biography) kan inni barreessee kanuma isaan kana qofaati.

Erga waggaa 20 barnootarratti dabarsee booda, Sheek Bakriin gara Saphalootti debii'e; achittis barsiisuu jalqabe. Amantiidhan bukkeetti, barnoota akka hawaasaa, seenaa, herreega, qorannaa urjii(astronomy), Afaan Arabaa fi barreeffama Afaan Oromootin barreessuu barsiisa ture. Ofii isaas Afaan Oromootin walaloo barreessu jalqabe; Kunimmoo isaaf beekkamtii akka argatuu fi maqaa inni baayyinaan ittiin beekkamu akka argatu godhe. Sheek Bakriin Saphaloo gadi-lakkisee iddowwan adda addaatti barsiisaa ture. Kana keessaa beekkamaan sadi'i Hortuu , naannoo Dirre Dhawaa , magaalaa Dirre Dhawaa mataasaa, fi Addelle, Dirre Dhawaarraa km 25 kan fagaattu fi karaa Hararirratti kana argamtu. Adelleetti mana barumsaa ijaaree ture, manni barumsaa kuni masgiida isaa jedhamee beekkama. Sheek Bakriin bakka deeme hundatti dubartii naannoo sanaa haadha manaa godhee fuudhaa akka ture dubbatama. Kana keessaa haati manaan isaa 11 ni beekkamu. Hadha manaa isaa sadi'irraa ijoollee 18 qaba ture: dhiira 13 fi durba 5. Haadha manaa baayyee haa qabaatu malee, Sheek Bakriin seera fuudhaa Musliimaa eegaa ture, si'a tokkottis haadha manaa lamaa ol hin qabu ture; bara dullumasaa keessa ammoo haadha manaa tokko qofa qaba ture. Yeroo kana barreeffama Afaan Oromoo fi Afaan Arabaa baayyee barreessaa ture.

Sheek Bakriin qubee Afaan Oromoo ittiin barreessan haaraa bara 1956tti iddoo Hagi Qome jedhamutti uume. Sheek Bakriin qubee kana uumuuf gara naannoo dhaloota isaatti deebi'e. Kunis qondaaltonni mootumma Afaan Oromoon qubee kan biraan dhiisii qubee Saabatiinu akka barreeffamuuf gonkuma kan hin barbaadne waan turaniif hojiisaa icitiin hojjachuuf ta'u hin oolu jedhama. Jalqabarratti yoo qubeen Afaan Oromoo kun fudhatama guddaa nannoo Harargeetti argateyyuu, qondaaltonnii mootummaa Itoophiyaa ija sodaatin ilaalun "Oromoo akka of baru godhee tokkummaa biyyattii balaa keessa buusa" jedhan. Kanarraa ka'uun fayyadama qubee kana ukkamsuu jalqaban. Bara 1965tti Sheek Bakrii Saphaallos Dirre Dhawaatti hidhaa manaa jala akka turuu godhan; barsiisuu akka itti fufu garuu eeyyamaniif. Bara 1968tti, torbanitii si'a lama ykn sadi'i Adelle akka dhaqu eeyyamaniif. Yeroo kana Sheek Bakrii Shalda, kan fuula 20 qabu, kan inni barreesse. Shaldaan barreffama qajeelfama amantii qabate kan fakkeeffame yoo ta'u garuu jalqabaa qabee amma dhumaatti waa'ee bitta garbumma Amaaraa fi hacuuccaa Oromoorra ga'e fi rakkina sirna Hayilasillaase jalatti uummata Oromoorra ga'aa jiru kan qabate ture. Wanti biraa Shaldaa adda godhu, barreeffama guddaa jedhamuu keessaa qubee Sheek Bakrii Saphaallotti fayyadamuun kan jalqabaa fi kan dhumaas ture.

Bara 1978tti, erga Hayila Sillaasen aangorraa bu'ee Dargiin angoo qabatee booda, Sheek Bakrii Saphaloo fi haati manaan isaa Goola Diimaa (Red Terror) baqachuun gara Somaaliyaa deeman. Achittis buufata baqattoota Hiraan keessa galan. Sheek Bakriin gara Moqaadishoo akka deemuf eeyyama nan argadha jedhee abdatee ture. Moqaadishoos deemee hojjatee barreffama isaa maxxansuuf hawwii qaba ture. Garuu buufata baqattootaa gadi-lakkisee gara Moqaadishoo deemuf eeyyama hin arganne. Haalii buufaticha keessa jirus isaaf nama umuriin saddeettama keessa jiruuf ulfataa ta'e. Achittis yeroo dheeraa erga dhukkubsatee booda bara 1980tti umurii wagga 85tti du'e.

Hojii Isaa

Sheek Bakriin barreeffama baayyee amantiirratti fi amantiin-ala kan barreesse yoo ta'u, kana keessaa muraasa qofatu meeshaalee maxxansaan qophaa'ee; barreffamni baayyeen harkaan kan barreeffame ture. Barreeffamoonni kun barattoota isaa adda addaa biratti faffaca'anii turan. Hayiwaardi fi Hasan barreeffama inni barreessee kessaa saddeet kan inni Afaan Arabaan barreesse tarreessu, barreeffamoonni kun Moqaadishootti argamuu akka danda'anis heeraniiru: Dirdsa fi al-mantiqa 1-Harariyya jughrafiyyan wa bashariyyan, barreeffama qorannaa hawaasaa (geography) fi dimoograafii naannoo Harari fi kan fuula 200 qabu; barreeffama seenaa lama Janaza shamarikh min hadayiz al-tawarikh kan fuula 95 qabu, and Kitab irsal al-sawarikh ila sama' al-tawarikh, kitaaba seenaa Oromoo kan fuula 56 qabu; barreeffama amantii sadi'i Al-mawahib al-madadiyyah fi l-'awf al-'adadiyya , Muqaddamat taysir al-zari'a (fuula 48 qaba), fi Taysir al-zari'a ila fuquhiyy fi ahkam al-shari'a ; fi seenaa barsiiftota isaa (biography) lama kan armaan olitti ibsame.

Mahaammad Hasan yeroo kitaaba The Oromo of Ethiopia, a History: 1570-1860 barreessu barreeffama Sheek Bakrii Kitab irsal al-sawarikh ila sama' al-tawarikh itti baayyee fayyadame. Barreeffama Sheek Bakrii kanas akkas jedhee ibse "seenaa Oromoo jalqabaa hanga ammaa irratti ibsa guddaa qaba. Seenaa Oromoo kan jalqabaarratti hanqina haa qabaatu malee sirna gadaarratti odeeffannoo gaarii qaba". Mahaammad wa'ee sirna Gadaa yeroo barreessu barreeffama Sheek Bakrii kanarratti hunda'e.

Yaaddannoo Isaa

Akkuma olitti ibsametti Sheek Bakriin walaleessaa Oromoo beekkamaa dha. Akka Hayiwaardi fi Hasan jedhanitti, "Sheek Bakriin sammuu Oromootaa kana dadammaqsee fi karaa walaloo isaa kan inni Afan isaanitiin barreessen akkasumas ummanni akka qalbiitti qabatee yaadatuuf gaggabaabaa kan tureen jaalaala Oromoo argate.

Hojiin Sheek Bakri Saphaloo inni guddaan qubee Afaan Oromoo ta'u uumuu isaati. Afaan Oromoo sirna barreeffamaa adda addaa lamaan barreeffama kana ture yoo ta'u, Sheek Bakriin lamaan isaani ni beeka ture; innis Afaan Arabaa fi Afaan Gi'izii. Sirni barreeffamaa afaan lamaanu kana Afaan Oromoo barreessuf mijatu hin turre. Kana keessaa tokko Afaan Oromoo dubbachiiftuu 10 kan qabu yoo ta'u Amaariffi garuu dubbachiiftu torba qofa qabaachuu isaati. Sheek Bakriin qorannaa afaanii (linguistics) kan baranne ykn beekkumsa sagaleewwan afaanii (phoneme) kan hin qabne yoo ta'u sirnni barreeffamaa inni uume garuu irraa caalansaa sagalee afaanii(phoneme) irratti hundaa'a. Kana jechuun sagaleewwan Afaan Oromoo tokko tokkon isaanitiif qubee tokko uume. Hayiwaardi fi Hasan itti aansun sirni barreeffamaa inni uume kun silabasii fi alfaabeetii kan walitti qabate ture jechuun dubbatu. Sirni barreeffamaa Sheek Bakrii kun akka Afaan Arabaa walitti hdihamaa kan hin turre yoo ta'u, kunimmoo Afaan Arabaarraa caalaa Gi'iizitti kan hidhate kan fakkeessu yoo ta'u, karaa biraa ammoo qubee sagalee hin qabne kan barreeffama keessatti itti hin fayyadamane qaba; kun immoo Gi'iizii keessa kan hin jirre. Walumaagalatti sirni barreeffamaa Sheek Bakrii afaan lamaanittu hidhata kan hin qabnee fi kalaqa mataa isaati.

Jaafar Ali20152Silaallee uleen caphee kan Abbaa Gadaa hincaphuu,Beekaa irra kutne malee, seenaann hiyyeeysa hinqabuu.Ja’...
29/04/2017

Jaafar Ali20152
Silaallee uleen caphee kan Abbaa Gadaa hincaphuu,
Beekaa irra kutne malee, seenaann hiyyeeysa hinqabuu.

Ja’a Alii Birraa bar kurnee afur dura irraa jalqabee hoggaa alalaasu. Dhuguma isaati seenaan hiyyeeysa hinqabu. Beekaa irra kutne kan ju’u laalchisee ammoo karaa hedduun xiinxaluun nidandayama. Tuffatneeti irra kutnee, jechuu isaati, akka hinjenne, nama tahee kan of tuffatu inima hinjirre. Sodaatneeti usne, jechuu isaati akka hinjennees, Oromoon gootummaa malee luynummaa dhaan akka hinbeekkamne, Calii Calanqoo qofa maqaa dhahuun gayaa dhaa oli. dhaadannoo muummittii gaafa sirna gadaa, tan maqaan baduu mannaa mataan baduu wayyaa, jettuus dabalatee, injifannoo adwaa kan Xaayituu Buxxulii fii Ras Aliin hooggananiis tahe, achii asiis seenaa lolaa kan Ethiopia keeysatti jabduu gurguddoo ar’aan tana habashootni boonaniin harka caalaa kan galmeeysan irreeyyii fii lafoo oromoo akka tahan eeruu caalaa ragaa biraa tarreeysuun hinbarbaachisu. Walumaagalattuu, eega lola baarudaa fii habalee jiddutti godhameen caphee asiis tahu, hamma fedhees dhimamu, oromoon gamtaaniis tahe matayyaa dhaan falmachuu dhiisee takkaa duuyda isaa shiireysee akka hinbitamin seenaan irra daddeebi’eeti ragaa bahaafi. Caliin Calanqoo tiis kan mirkaneeysitu kanuma. Kanaafuu Dr Alii Birraa beekaati irra kutne malee, jechuun isaa, sodaatneeti usnee, jechuuf akka hintahin hubachuun nama hindhibu. Eegasiifuu maal jechuu isaati!? Yo ja’ame innumtuu walaloo itt aantu keeysatti beekaa irra kutne malee garaan fayyaa nu hinqabuu, jechuudhaan maal jechuu akka barbaade kan ibse natti fakkaata. Dhalootni ammaatiis sirna roorrisaa san akka lamuu kabsachuu hindandeenyetti unkuteeysuu daran, haluu bahuudhaaf tahuu baatullee, irraa barachuu dhaaf jecha, godaannisa roorroo sanii dhalootaaf dabarsuuf, siidaa Grl. Taaddasaa Birruutiis dabalatee, kan Harma muraa Aanoleetiis tahe kan Calii Calanqoo tii fii kanneen biraatiis dhaabuu dhaan, seenaa ofii irra taruun akka hindandayamne, jechaan osoo hintahin hujii dhaan mirkaneeysuu irratti argama. Tarkaanfiileen seena-qabeeyyiin kuniis kan jalqabaa malee isa maayyii akka hintahin shalaguun nama hindhibu. Ijoon barruu tanaatiis jaarmaya siidaa yaadannoo gootota Murtiguutoo sababa godhachuu dhaan seenaa Calii Calanqoo gaggabaabsinee gilgaaluuf hoggaa tahu, Calanqoo Lolaa ykn Caliin Calanqoo ykn seenaan Murtiguutoo maal fakkaata laata?

Lola Walloo hadhaawaa fii dheeraa kan baroowwan osoo hintahin jaarraallee marmaarfateen hangafee, Shira Goobanaa Daceetiin hoogganamu kan lixaa fii walakkeeysi oromiyaa akka gabbaran ittiin taasifamanitti aansee, seenaa oromoo keeysatti juuzni diilalleeysaan tokko murruqii Azullee ykn harma muraa fii harka muraa Aanolee hoggaa tahu, Weerartootni nafxanyootaa lola arsii kan gadaa tokko laawwate booda fuulli isaanii gama harar ykn akka waamicha gaafasiitti gama Fugug ture.

Fugug jechuun sansalata tulluu ykn duuyda gaaraa kan Gubba Qorichaa irraa kaasee hamma Kaarra Marraa tti baha oromiyaa qaxxaamuru hoggaa tahu gaafas naannoon kun Fugug ja’ameeti beekkama ture. Eega sirni gadaa waaltinimmaan isaa raaw’atee bifa confederacy tiin mootummoota naannoo jaarrachuu eegale boodaas nannoon kun Odaa Bultum maadheeyfachuu dhaan bulchiinsa mataa isaa kan Raabaa-doorii Bultum ja’amuudhaan beekkamu qabaachuu akka ture yaadannoo bar dhibbee dabreeti. Bulchiinsi Bultum kan Laga Hawaasii gaditti hornogamullee, naannoo isaatti sirna gadaatiin taligamuu ture kuniis walakkeeysa br. dhibbee 18fa keeysa weerara arabootaatiin bakka lamatti gargar cituu dhaan godinni amma harargee bahaa ja’amee beekkamu kiyyoo humnoota Turko Egiptian jala hogga kufu gamni lixaa garuu yeroofillee tahu dandamateeti ture. Mataan weerarartoota nafxanyaa minilik 2fa tiis eehama warra lixaa irraa helee wajjiin eega arsii dhunfate booda bakki inni dura weerarees lixa harargee ykn Ona Ituu kana ture.

Weerarri Ituu kan adeemsifame boqonnaa sadihiini ture. Kan duraa isa gama Arsiitiin dhufe hoggaa tahu kan hoogganamuus irreeysa nafxanyaa ol’aanaa Charinnatiini ture. Haatahu malee humna oromootaa kan jiraa Ituu Yaayyaa Alii Sireetiin durfamuun waan injifatamaniif matuma galeehuu bakka Arba Guugguu ja’amtu bira taruu hindandeenye. Kan lamadaa kan adeera Miniliik, Iraas Daargee dhaan hoogganamuu fii ona karrayyuu irraan gama laga Hawaas dhufe hoggaa tahu gama oromootiin kan dura dhaabbatte gameeysa Bultum beekkamaa, Mucee Ahmed Muceeti ture. Muceen humna daran nama tooftaadhaan lolu akka tureetu himamaafi. Akka manguddoon Ituu ammallee seeneysanitti, Muceen gaafa lola Arba Guugguutiis Charinnatii waliin marihatee tii fii nafxanyoota amansiisee, dura bu’ee fiduudhaan martii gaammee Yaayyaa Alii Siree keeysa galchuudhaan haabeen isaanii osoo hinhafin akka dhuman taasisuu caalaa lola tulluu fantaallee irraa hamma laga hawaasitti gaggeeyfame kan inni mataan isaa hooggane keeysattiis kanniisaanillee itti duuluudhaan tooftaadhaan akka injifate niseeneyfamaafi.

29/04/2017

Oromon dhiga tokko qaba malee amanta tokko hin qabuu murtesaan dhiiga tokko tahudha malee amantiin tan abbati namnii obolewan tahe amanta garagaraa hordofuu danda'a kanaaf warronii basastota wayyane tatanii ji'a lama guutu oromota gandaan wal nyachisaa jirtan amas lammaffaa amantidhaan wal nyachisuuf tatafii godhaa jiran kanaaf namota akkasii wali gallee karra ittii cufuu qabna kanaf yaa umata keenya yo dandesaan wan oromoo tokkomsaa irrati hojjadha yo dadhabdan wan bira post godhaa Comment taphadha mee dhiiga obolewwan keenyaa kan baratota kenyaa yaadadhaa kesatuu oromonii biyya allaa jirtan rabbii jadhaa wal dhiisa waliti mufachun wanuma jiru kanaaf kaneen aman dura arsii fi harargeeti wal arabsaa turtanis dhiifamaa waliif godhaa obollewwan ko harargee fi arsiin gama tokkon olladha gama kaaniin soddadhaa akkasumaas ilmaan abbaa tokkoti ilmaan bareentotii kanaaf kan fudhatu didee danta keti kan siif galee obbolewan keetif SHARE godhii nuti ilmaan boranaa kan bareentoo kan musliima kan kiristaana kan biyya alaa kan biyya kesaa oromummaa kenyaa qofaan dhaadachuu qabna diinati hulaa cufnee gummaa baratota keenyaa basuu qabna galatomaa injifanon kan oromoota tokkomeeti Down Down Gandumaa!

28/04/2017

Oromo first

Address

Mahakaa
Riyadh

Telephone

0538321681

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Burqa zakariya posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share