12/01/2020
==IMAAMUL BUKHAARII (Bara 194-256 Hijiraa) ==
=====================================
By: Urjii Ahmad
Silaa dubbifte haalaan si fayyada. Yoo dubbiste share godhi!
Maqaan Isaa Abuu Abdullaah Muhammad binu Ismaa’iil Al-Bukhaarii. Bar 194 Hijraa Bukhaaraa biyya Khuraasaan je’amtu tan amma Uzbeekistaan je’amtu keessatti dhalate. Imaamul Bukhaariin Kitaaboota hedduu qaba. Kitaabni Isaa Sahiihul Bukhaariin Quraanatti aanee warra Sunnaa biratti qulqullinaan fudhatama. Hadiisa kuma 7 ol walitti qabata. Imaamul Bukhaariin Barsiistoota kuma 1 olirraa baratee jira. Kitaaba Sahiihul Bukhaarii malee Kitaaba biraa “Adabul Mufrad” Kan haalaa fii
amala gaarii irratti xiyyeefatuu fii Kitaaba “Khalqu Af’aalul Ibaad” Kitaaba je’amu, akkasumas kitaaboota biraa ni qaba. Imaamul Bukhaariin
Muslimoota Sunnaa biratti beekkamaadha. Hadiisa Rasuulaa s.a.w walitti qabuun Muslimootaaf faayidaa guddoo lafa kaayee jirra. Imaamul Bukhaarii dalagaa Isaa Rabbi irraa haa jaalatu bara 256 Hijraa Khuraasaanitti du’ee awwaalame.
Aqiidaa Imaamul Bukhaarii
[1] Aqiidaa Imaamul Bukhaarii beekuuf Sahiihul Bukhaarii Kitaabu Towhiid Laaluun ni gaha.
Hadiisa Sifa Rabbii dubbatu hunda sabachiisee hiikkaa Isaa Osoo hin jijjirre Salafni akkanatti amana
jechuun ibsa.
Aqiidaa keessatti Imaamul Bukhaariin akki je’e: “Dhugumatti warra Sunnaa kan beekkumsa qaban kuma 1 ol qunnamee jira. Biyya adda addaatti
Isaanirraa dhagayee jira. Makka, Madiinaa, Iraaq, Shaam, Misra fii bakka adda addaatti Isaan dubbisee jira. Maqaa ulamaa’oota biyya adda addatti qunnamee keessaa garii eega dubbate booda “Isaan hundi waan kanaa gadii irratti waliif galanii jiran. Nama tokko Isaanirraa kan yaada kana keessatti wal dhabe argee hin beeku” jechuun Aqiidaa Isaanii tarreeysa:
1* Iimaannii/Amantiin jechaa fii dalagaan argamuu qaba.
2* Qur’aanni Jecha Rabbiiti, waan guyyaa keessaa uumamee miti.
3* Hamtuu fii Gaariin Rabbirraahi, waan Inni fedheetu argama.
4* Rabbiin Arshiirratti ol tahee jira, Uumaa Isaatiin adda bahaadha, akkuma Inni Kitaaba Isaa keessatti ifiin je’e, akkuma Rasuulli Isaa s.a.w je’etti Ol tahee jira akkaata a gaafachuun maleetti.
5* Rabbiin Arshiirratti akka Isaan malutti Ol tahee jira. [2]
6* Warri Amane Rabbii Isaanii guyyaa Qiyaamaa Jannatatti Ijaan ni ni arguuf, Sagalee Isaa ni dhagayan akka Rabbiin fedhetti.
7* Ulamaa’iin qunnama san hunda keessaa nama
tokkollee kan Sahaabaa Rasuulaa s.a.w hamtuun kaasu argee hin beeku.
8* Waan Rasuulli s.a.w itti hin ajajin, Ifiif hin dalagin Bid’aa hunda irraa dhorgan, ni balaaleefatan.
9* Karaa Sahaabaan Rasuulaa s.a.w irra turtetti nama yaaman, irratti jajjabaatan.
10* Mootii Islaamaa irratti lola akka hin banne waliif dhaaman.
11* Namni Quraanni Uumama je’u Rabbii guddatti kafaree jira, Islaamummaa keessaa bahee jira. Namni Nama san Osoo beekuu hin kafarsiisne Inninuu Kaafira.
12*Namni Quraanni nuti Qaraanu uumama je’u
Jaahmiyyaadha.
13* Mallattoon warra Bid’aa (warra karaa irraa jallatee) warra Sunnaa xiqqeeysuu fii maqaa
Isaaniif baasuudha.
14* Imaama Islaamaa wajjiin Jihaadaa fii Hajjii
godhuun Dirqama Hanga guyyaa qiyaamaatti. Jihaada godhuun hin dhaabbatu hanga Qiyaamaatti,Dureewwan Muslimootaa waliin itti fufa, wanni Isa dhaabu tokko hin jiru. Jahmiyyaan warra Sunnaatiin “Mushabbihaa ykn Mujjasimaa”
je’aniin. Rabbi uumatti fakkeeysuu jechuudha. Raafidaan/Shi’aan warra Sunnaatiin “Naasibaa” je’aniin. Warra Aliyyii fii maatii Rasuulaa s.a.w jibbu
jechuudha. Garuu maqaan Isaan baasan kun tokkolleen warra Sunnaatiin hin malu. Isaan maqaa
kanarraa qulqulluudha. Isaan warra Sunnaati.
KIJIBA AHBAASHII
Ahbaashiin falsafaa qulqulluu tahuu Isii beekuun salphaadha. Ulamaa’ii hunda faalleeysanii kophaa falsafaa ifiif uuman jala deemaa jiran. Imaamul Bukhaariin Rabbiin Ol tahe je’a. Ahbaashiin ol hin jiru gad hin jiru, adunyaa keessa hin jiru, adunyaa ala hin jiru je’an. Sahaabaani arrabsan. Iimaanni guyyaa tokko qofa afaaniin “Laa Ilaaha Illallaahu”
jechuudha. San booda Iimaanni nama saniitiifii Iimaanni Rasuulaa s.a.w wal qixa jechuu Isaaniiti. Badii fedhe dalagus Iimaanni Isaa guutuudha.
Warri Bid’aa maqaa namaa baasuun dur eegalte. Imaamul Bukhaariin warri Bid’aa warra Ahlus-Sunnaatiif maqaa adda addaa baasa jechuun Ibsee jira. Kunoo Ahbaashiin akkuma Jahmiyyaan Imaamul Bukhaariifaadhaan jettu nuun jechaa jirti. “Mushabbihaa, Mujjasimaa” sifa Rabbii waan sabachiifneef “Mujassimaa” nuun jetti. Rabbi
Uumatti fakkeeysitan jechuu Isiiti. Jahmiyyaa fii Ahbaashiin takka tahuu Imaamul Bukhaarii irraa hubannee jirra. Ahbaashiin waan Rasuuli s.a.w itti hin ajajin, kan ifiif hin dalagin, kan Sahaabaan hin dalagin amantiidha jechuun itti jiran. Mowlida, Qabriif qaluu, Awliyaa yaammachuu fii Shirkiin isaan
hambisan hin jirtu. Imaamul Bukhaarii jala deemuutu nuuf wayya moo Ahbaashiidha? Filannoon tan abbaati! Abbaan fedhe Falsafaa
filatuu, Abbaan fedhes Sunnaa filachuu dandaha!
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>
1. Kitaaba “Sharhu Usuuli I’itaqaadi Ahlus-Sunnaati Wal Jamaa’aa” Fuula 176-179 kan Imaam Hibatullaah binu Zeydi Al-Laalkaa’ii. Imaamu Al-
Laalkaa’iin bara 418 hijiraa du’e.
Muhaddisa beekkamaa Baghdaad. Imaamu Zahabiin waa’ee Isaa hoggaa dubbatu akkana je’e “Inni Imaama Hadiisa hedduu haffaze, Imaama Qir’aati, Baghdaad akkan warra fayyade keessaa tokko” Siiraa A’almu Nubalaa. 2. Sahiih Bukhaarii, Hadiisa: 7418 ------------------------Kitaaba
"Aqiidaa Ahlusunnaa fii kijiba Ahbaashii" Afaan oromootiin Ani qopheeyse, fuula 39-42 irraa kan
fuudhame.
----------------------------------------------
Peejii tiyya like godhuuf kana tuqaa https://www.facebook.com/pages/Urjii-Ahmad/456539734418183