Kiyuu kiyya lee

Kiyuu kiyya lee Mustari

21/07/2023
27/08/2022
Nagaatti!✋Erga ji'a tokkootiiAmalan qabne baafteeNaguma nan gaafattuBilbila kiyya kaaftee..!Osoon shukkaaree jedhuuMi'oo...
02/02/2022

Nagaatti!✋

Erga ji'a tokkootii
Amalan qabne baaftee
Naguma nan gaafattu
Bilbila kiyya kaaftee..!

Osoon shukkaaree jedhuu
Mi'ooftuu akka dammaa
Diyaaspooraa jaalattee
Na jibbuu isheeti amma!

Dubbachuu erga dadhabdee
Ana waliin gad-teessee
Anis akkana jedheen
Walaloodhaan gaggeesse!

Booda sigaabbisiisa
Lakkii dhiisi shaggituu
Nama akka koo siif ta'u
Eessattiyyuu hin argitu!

Doolaara callaa argattee
Konkolaataaf bargarii
Tasa jiraanna hin seene
Nuti baanee gargari!

Waggaa kuman jiraattu
Yoo dheerate jaatamaa
Waadaan buddeena ta'ee
Akkamittiin nyaatamaa?

Hiyyummaan bar xuriidha
Maaf seete godaannisa
Cimee gaafan hojjadhe
Ofirraan godaansisaa!

Soodaree keessa zoorta
Har'a gabbiinaa teessee
Imaanaa jaalala koo
Fannoo moo lafa keesse?

Akkuma na kuffise
Guyyaan nakaasa dhufee
"Saree" naan jedhi lamuu
Yoonan arraabe tufee!

Erga jaalala bitee
Maallaqni bor dhabamu
An hamaa kee hin fedhu
Gaariin sitti haa qabamu!

Erga ruuziin siif caalee
Bulluqa shirookeetii
Anillee si jibbeera
Nagaatti girookeeti!

17/01/2022

Jalalli ati namootaf qabdu, jaalala namummaaf eenyummaa keesso isaanirra maadde ta'u qaba. Jaalalli fakkeessan yeroof malee hundee waan hin qabnef umurii hin dheeratu. Jaalala hundee hin qabnerra immoo jiibba kallatti wayya. Sabaabinsa, jaalallli akkasi yeroodhuma itti toletti nama dhiise waan deemuf.

Jalalaa kessati irraa caalati kan barbaachisuu wali amanamudha ,Jalala bifaa kamituu haatahu ati jalachuuf dursa nama amanamaa taate argamuu sirra jirataa.hiiddi jalalaa kani gadii fagaachuu danda’uu yeroo bayyee yoo amanamummaan jiratee wantaahef.

Fakkenyaaf:-Lameen wali jalattee,
Jalaalaa kessatti jalaleen kee yokin jalaleen tee,dhimma duraan dabarsaan kessatti irraa deebitee yeroo ati gaaffi gaafatu,kan bifaa ariittif lolatin yaadaa kee si harkaa cuufu/cuftuu yoo taate/taahe akka iccittin ciiman(wantii dhokataa taahe jiruu beeki. namni wantaa tokko hojjatuu dafee goolabuu yoo barbaaduu saffissaan humnaa isaa dabaluu qaba sababnii isaa hojjii san xumuruuf jechaa.kanf gochaa haali isaa ulfaata ta’ee tokko yeroo gaafatu bifaa tasgaabii ofi kessa hin qabneen sif deebisuu,gabaabumatti gaaffin deebii keeti bifaa loolatin wanti siharkaa cuufamuuf waa lama akka irratti hin beekinef isaan gargaraa. 1) miidhe deemu isaa akka irratti hin beekinef,2) immo miidhamu isaa akka irratti hin bareef!! Jalallii darbee seenaa laman darba tokko wantaa gaarii taahen,lama wantaa gaarii hin taanen kan xumuramudha.!!

Address

Fire
Asebe Teferi
WADE

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kiyuu kiyya lee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Establishment

Send a message to Kiyuu kiyya lee:

Share

Category