Afoomoo

Afoomoo AFOOMOO maqaan jedhu kun Afoolaa fi Oromoo kan jedhu irraa moggaafame. Hiikni isaas Afoola Oromoo ti

Yaadadhu!1 jedhi3 immoo hin jedhin!Nama jabaa qofatu adda baasa!
03/03/2026

Yaadadhu!
1 jedhi
3 immoo hin jedhin!
Nama jabaa qofatu adda baasa!

https://www.facebook.com/share/1Hub58HciT/
24/01/2026

https://www.facebook.com/share/1Hub58HciT/

Kitaabni hayyummaan katabame shelf irratti oldeebifama! Maaliif?

Dubbiin kitaabaa erga 'midira tivozoo' ta'ee bubbuleera. Dura rakkoon akkanaa uumamuuf akka jiru dubbachaa turre. Kitaabni beekumsaan waan barreeffameef bitamaa hinjiru. Waan namoonni harka rukuttoota (tivozoo) qabaataniif gurguramee, warra tivoozoo hinqabnee biratti immoo hingurguramin hafa.

Kitaaba beekumsaan badhaadhe barreessitee maxxansitee galtee walirra naqxee mana keessa. Namni bitu hinjirukaa. Kitaabuma copha beekumsaa hinqabne immoo barreessitee 'tifoozoo' horattee asbaanaan qarshii miliyonaan harkiftee galta! Kitaabatti barreessuu keeyyuu deebitee hinyaadattu! Kaayyoon kankee milkiin goolabameerakaa_waa coccorachuu!

Waan harra mudate jedhames kanuma. Prof. Tasammaan beekumsa qabu malee tifoozoo hinqaban. Kanaaf galma duwwaa keessatti kitaabni eebbifame. Ta'us kitaaba dhaloonni borii ittiin qaramutu barreeffame. Prof hojii isaan irraa barbaadamu hojjetaniiru. Yuunvarsiitiin keenyas gamasaan waan danda'u godheera. Isaafis beekamtiin haakennamu. Dhaloota dubbisuu didemmoo Waaqayyo hafuura adoodummaa kana akka irraa kaasu kadhachuufiidha.

Dhaloota tifoozoon mataan adooche kana qofaa komachuus miti. Kitaaba albuudha beekumsaan tumsame kana yuunvarsiitiileen Itoophiyaa bituuf karoora qabuu? Biiroon barnoota Oromiyaahoo? Mannneen kitaabaa Itoophiyaa keessa jiru qofti kitaaba kana 10 10 yoo bite Miliyonni tokko gurguramee hindhumuu? Dhaloota qofaa miti hundumatu karaarraa maqee jira. Dhugaa dubbannee lafa aduun dhiifte bulla! Dhaloonni dubbisuu dhiisus, Dhaabboleen barnootaa keenya kitaaba balfanis hayyuun kitaaba barreessuu itti fufa; inni yoomuu abdiin hinkutu.
Harraaf kanuman jedha!
Fedhasaa Taaddasaa

Address

She Get
Gimbi
YOBIKIYA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Afoomoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share