20/03/2022
DALDALA MOO TAJAAJILA????
Jireenya ummataa fooyyessuuf adda durummaadhaan dirqamni mootumma nagaaf tasgabbii ummataa eeguu dha. Kun immoo ta'uu kan qabu qaama hidhates haa ta'u qaama hin hidhannes haa ta'u too'achuu maqaa jedhuun loltuu leenjisuu; akkasumas milishaa walitti qabanii dhaqi abalu waraani, dhaqi abalu qabii fidi jechuudhaani miti. Ta'uu kan qabu mootummaa ummanni barbaadu ta'anii argamuudhani.
UMMANNI MOOTUMMAA AKKAMIIT BARBAADA?
Ummanni kan barbaadu mootummaa eenyummaa isaa kabajuu fi sagalee ummataa sirnaan dhaggeeffatu; mootummaa fedhii ummataa hubatee waan ummataaf barbaachisu yeroodhaan haala iftoomina qabuun fedhii ummataa guutu, mootummaa waraana osoo hin taane mariitti amanu, mootummaa kan isa dhaadhesse leellisee kan isa qeeqe jibbee farrajee atakaaroo keessa galu osoo hin taane kan isa qeeqes kan isa dhaadhesses lammii isaa ta'uu hubatee walqixa tajaajiluu fi maaliif akka qeeqame bilchinaan qoratee ka'umsi rakkootis furmaanni rakkootis ana bira ni jira jedhee rakkoodhaaf furmaata haqa qabeessa ta'e kennu, mootummaa dhiheessii fedhii bu'uuraa ummataa haala salphaa fi mijataa ta'een ummataaf mijeessu.
Garuu, haalli amma biyya keenya keessatti ta'aa jiru waan mootummaan haa ta'u jedhee karoorfatee itti bobba'e fakkaata. Gaafa gatiin simintoo fi sibiilaa dabalu ijaarsi biyya keenya keessatti waan dabaleefi guddina agarsiisa jedhe. Gaafa zayitiin qarshii kuma galu ashaaxira diinagdeetu ummata irrattis mootummaa irrattis raawwate jedhe. Amma ammoo qotee bulaan xaa'oo kumtaala tokko bituuf yookin qotiyyoo gurguruu ykn qallaba daa'ima isaa yoo xinnaate ji'a jaha(6) jiraachisu gurguruu qaba. Sana hin taane taanaan humna ittiin xaa'oo bitatu hin qabu. Kan waan gurguree bitatu hin qabne carraa Sana gonkumaa argachuu hin danda'u. Garamii garamitti deemaa jirra? Ashaaxira diinagdee kana eenyutu gaggeessaa jira? Kaan illee qaama biraati yoo jedhame xaa'oo kan dhiheessu mootummaa mitii? Maaliif ta'uu danda'e? Mootummaan ummata tajaajilaa jura moo......?