21/08/2022
Sagantaa guyya hardha waaqiii guddo nuu gargaare maata duree 'aata_ke_irrati_adda_jabaadhi ๐ ๐
(Macaafa Hisqi'el Raajichaa 3 )
------------
1 Inni yommus, "Yaa mucaa namaa! Ati wanta siif kenname nyaadhu! Macaafa maramu kana nyaadhuutii dhaqii namoota Israa'elitti dubbadhu!" naan jedhe.
2 Kanaaf ani afaan koo nan bane, inni immoo macaaficha maramu akkan nyaadhuuf anaaf kennee,
3 "Yaa mucaa namaa! Ati macaaficha ani amma siif kennu kana nyaadhuu garaa kee guuttadhu!" naan jedhe; ani yommuun nyaadhes afaan kootti akka dammaa in miyaa'e.
4 Inni ammoo, "Yaa mucaa namaa! Ati gara namoota Israa'el dhaqii dubbii koo isaanitti dubbadhu!
5 Ati gara namoota Israa'elitti ergamte malee, gara saba afaan isaa hin hubannee fi haasaan isaa rakkisaatti hin ergamne;
6 ani gara saba warra afaan isaanii hin hubatamnee fi haasaan isaanii rakkisaatti, gara warra ati dubbii isaanii hin hubanneettan si erga miti; utuu ani dhugumaan gara isaaniitti iyyuu si ergeera ta'ee, silaa isaan siif in dhaga'u turan.
7 Garuu namoonni Israa'el anaaf waan dhaga'uu hin jaallatiniif, siifis dhaga'uu hin jaallatan, guutummaan mana Israa'el addaggee dha, boqu-jabeeyyii dha;
8 kunoo, ani fuula isaanii duratti ija-jabeessaa fi mata-jabeessa sin godha;
9 adda kees akka dhagaa almaazii isa dhagaa qara qabu caalaa jabaatuu nan jabeessa; isaanoo mana warra didanii ka'anii tii isaan hin sodaatin, hin na'inis!" naan jedhe.
10 Ammas, "Yaa mucaa namaa! Ati dubbii ani sitti dubbadhu kana hundumaa gurra keetiin dhaggeeffadhu, garaa keettis qabadhu!