21/10/2025
Oromummaa akka ati itti beektuu fi Oromummaan tokkoo laata? Mee of gaafadhu nama waliin haasa’uun si hin barbaachisu
Sababni isaas kan si keessatti tolfamee bakka eenyumaa kee dhugaa san buufametu si keessa jira waan ta’eef dursa isa waliin dubbadhu...
-
Waan gaafachuu qabdus gaafadhu!
Wanna inni si gaafatuuf deebii kennuufis bakka ofii keetii buutee deebisuuf ofii kee barii of argadhu.
Bakka ofii keetii dhaabbadhuutii kan si keessatti tolfame sana waliin dudubbadhu, hin laafinii jabaadhuu hinjifadhu!
Achiin booda of dandeessee waa’ee Eenyummaa kee fi waa’ee kee haasa’uu dandeessa...
-
Malee ammahoo si mitii kan dubbachaa jiru;
Dhaabbata biraatu sammuu kee fayyadamee,
Afaan kee fayyadamee,
Ijakee fayyadamee
Sochii kee hunda fayyadamee,
Sumaan si lolaa jira.
Kan nama aarsuu... seelota kee kan ijaaru, qilleensa siif kennee,
Bishaan siif kennee,
Dachii ati irraa ijaaramtu siif kennee,
Waa hundaan si ijaaree,
Bu’aa wantoota armaan olii kana kan ta’e sammuu kee akka fedhutti tolfatee itti fayyadama ta’ee gaarii ture.
Sitti kan dadhabu abboota kee
Qilleensi ati fudhattu bu’aa dadhabbii abboota keeti
Bishaan ati dhugdu bu’aa dadhabbii abboota keeti
Dachiin ati irraa nyaattu irra jiraattu sirnaa, heeraa, seera - beekumsa fi dadhabbii warra keetii ti.
Uumaan kana hunda hin uume malee
Kan sirna gaarii uumama hundaaf tolutti seera gaarii tumee ittiin wanna ati irraa ijaaramte kan kunuunsee tiksee har’aan gahe ijaarsa fi tumaa Oromummaati, atis bu’aa isaati.
Kun hundi qooda abboota keenyaa